< 1 Chronicles 5 >

1 The sons of Reuben the firstborn of Israel—now Reuben was Israel's firstborn, but his birthright was given to the sons of Joseph son of Israel because Reuben had defiled his father's couch. So he is not recorded as being the oldest son.
Ruubeen Israaʼeliif ilma hangafa ture; taʼus sababii inni siree abbaa isaa xureesseef mirgi hangafummaa isaa ilmaan Yoosef ilma Israaʼel sanaatiif kenname. Kanaafuu inni akka mirga isaa kan dhalootaan argamuutti hidda dhalootaa keessatti hin galmeeffamne;
2 Judah was the strongest of his brothers, and the leader would come from him. But the birthright was Joseph's—
Yihuudaan obboloota isaa keessa nama jabaa fi kan mootummaan isa keessaa baʼe taʼu illee mirgi hangafummaa kan Yoosefii ti.
3 the sons of Reuben, the firstborn of Israel were Hanok, Pallu, Hezron, and Karmi.
Ilmaan Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa: Henooki, Faluusoo, Hezroonii fi Karmii.
4 The descendants of Joel were these: Joel's son was Shemaiah. Shemaiah's son was Gog. Gog's son was Shimei.
Ilmaan Yooʼeel: Shemaaʼiyaa ilma isaa, Googi ilma isaa, Shimeʼii ilma isaa,
5 Shimei's son was Micah. Micah's son was Reaiah. Reaiah's son was Baal.
Miikaa ilma isaa, Reʼaayaa ilma isaa, Baʼaal ilma isaatii fi
6 Baal's son was Beerah, whom Tiglath-Pileser king of Assyria took into exile. Beerah was a leader in the tribe of Reuben.
Biʼeeraa ilma isaa kan mootiin Asoor Tiiglaat-Philneeser boojiʼee fudhatee dha. Beʼeeraan hoogganaa gosa Ruubeen ture.
7 Beerah's relatives according to their clans, listed according to their genealogical records: Jeiel the leader, Zechariah, and
Firoonni isaanii warri akkuma hidda dhaloota isaaniitti balbala balbalaan galmeeffaman kanneenii dha: Yeʼiiʼeel hangafticha, Zakkaariyaas,
8 Bela son of Azaz son of Shema son of Joel. They lived in Aroer, as far as Nebo and Baal Meon,
Beelaa ilma Aazaazi, ilma Shemaa, ilma Yooʼeel. Isaanis naannoo Aroʼeeri jalqabee hamma Neboo fi Baʼaal Meʼooniitti jiru keessa qubatan.
9 and eastward to the start of the wilderness that extends to the Euphrates River. This was because they had many cattle in the land of Gilead.
Isaanis sababii horiin isaanii Giliʼaadi keessatti baayʼateef karaa baʼa biiftuutiin hamma daarii gammoojjii kan gara laga Efraaxiisitti balʼatu sanaatti biyyattii qabatan.
10 In the days of Saul, the tribe of Reuben attacked the Hagrites and defeated them. They lived in the Hagrites' tents throughout all the land east of Gilead.
Isaan jabana Saaʼol keessa Aggaariitti waraana kaasan; jarris harka isaaniitti moʼataman; isaanis iddoo jireenyaa warra Aggaar kan Giliʼaadiin gama baʼa biiftuu jiru guutumaan guutuutti qabatan.
11 The members of the tribe of Gad lived near them, in the land of Bashan as far as Salekah.
Gosoonni Gaad isaanitti aananii Baashaan keessa lafa hamma Salkaatti argamu irra jiraatan; isaanis:
12 Joel was their leader; Shapham was second; and Janai and Shaphat in Bashan.
Yooʼeel hangaftichi, Shaafaam itti aanaan isaa, Yaʼinayii fi Shaafaax Baashaan keessa jiraatan.
13 Their relatives, by their fathers' families, were Michael, Meshullam, Sheba, Jorai, Jakan, Zia, and Eber—seven in all.
Firoonni isaanii maatii maatiidhaan kanneenii dha: Miikaaʼel, Meshulaam, Shebaa, Yooraay, Yaakaan, Ziiʼaa fi Eeber; walumaa galatti torba turan.
14 These persons named above were the descendants of Abihail, and Abihail was the son of Huri. Huri was the son of Jaroah. Jaroah was the son of Gilead. Gilead was the son of Michael. Michael was the son of Jeshishai. Jeshishai was the son of Jahdo. Jahdo was the son of Buz.
Isaan kunneen immoo ilmaan Abiihaayil ilma Huuri, ilma Yaarokaa, ilma Giliʼaad, ilma Miikaaʼel, ilma Yeshiishaayi, ilma Yakedoo, ilma Buuzii ti.
15 Ahi son of Abdiel son of Guni, was head of their fathers' family.
Ahiin ilmi Abdiʼeel, hangafa maatii isaanii ture; Abdiʼeel immoo ilma Guunii ti.
16 They lived in Gilead, in Bashan, in its towns, and in all the pasturelands of Sharon as far as its borders.
Warri Gaad Giliʼaad keessa, Baashaanii fi gandoota daarii isheetti argaman, akkasumas lafa tikaa kan Shaaroon keessatti argaman hundaa fi qarqara isaa jiraatan.
17 All these were listed by genealogical records in the days of Jotham king of Judah and of Jeroboam king of Israel.
Isaan kunneen hundi jabana Yootaam mootii Yihuudaa turee fi jabana Yerobiʼaam mootii Israaʼel ture keessa galmee hidda dhalootaa keessatti galmeeffaman.
18 The Reubenites, the Gadites, and the half tribe of Manasseh had 44,760 soldiers trained for war, who carried shield and sword, and who drew the bow.
Ruubeenonni, Gaadonnii fi walakkaan gosa Minaasee namoota dandeettii lolaa qaban 44,760 qaban ture; isaanis namoota jajjaboo warra gaachanaa fi goraadee qabachuu dandaʼan, warra xiyya darbachuu dandaʼanii fi warra waraanaaf leenjifaman turan.
19 They attacked the Hagrites, Jetur, Naphish, and Nodab.
Jarri kunis warra Aggaariitti, warra Yexuuritti, Naafiishiittii fi Noodaabiitti waraana ni banan.
20 They received divine help against them. In this way, the Hagrites and all who were with them were defeated. This was because the Israelites cried out to God in the battle, and he responded to them, because they put their trust in him.
Sababii isaan waraana sana irratti gara Waaqaatti iyyatanii turaniif Waaqni isaan gargaaree warra Aggaariitii fi garee isaanii hunda dabarsee harka isaaniitti kenne. Innis sababii isaan isa amanataniif kadhannaa isaaniitiif deebii kenne.
21 They captured their animals, including fifty thousand camels, 250,000 sheep, two thousand donkeys, and 100,000 men.
Isaanis horii warra Aggaar gaala kuma shan, hoolaa kuma dhibba lamaa fi shantamaa fi harree kuma lama saaman. Akkasumas nama kuma dhibba tokkoo boojiʼan;
22 Many fell because the battle was from God. They lived in their land until the captivity.
sababii lolli sun kan Waaqaa tureef namoonni biraa baayʼeen ni ajjeefaman. Isaanis hamma bara boojuutti biyya sana keessa ni jiraatan.
23 The half tribe of Manasseh lived in the land of Bashan as far as Baal Hermon and Senir (that is, Mount Hermon).
Walakkaan gosa Minaasee baayʼee turan; isaanis Baashaanii jalqabanii hamma Baʼaal Hermooniitti, hamma Seniir Tulluu Hermoonitti biyya sana keessa qubatan.
24 These were the heads of their fathers' houses: Epher, Ishi, Eliel, Azriel, Jeremiah, Hodaviah, and Jahdiel. They were mighty men, famous men, heads of their fathers' houses.
Isaan kunneen hangafoota maatii isaanii ti: Eefer, Yishiʼii, Eliiʼeel, Azriiʼeel, Ermiyaas, Hoodayiwaa fi Yadiiʼeel. Isaan kunneen loltoota gootota, namoota bebbeekamoo fi hangafoota maatii isaanii ti.
25 But they were unfaithful to their ancestors' God. Instead, they worshiped the gods of the peoples of the land, whom God had destroyed before them.
Isaan garuu Waaqa abbootii isaaniitiif amanamuu didanii waaqota saboota biyyattii wajjin sagaagalan; saboonni kunneenis warra Waaqni fuula isaanii duraa balleessee dha.
26 The God of Israel stirred up Pul king of Assyria (also called Tiglath-Pileser, king of Assyria). He took into exile the Reubenites, Gadites, and the half tribe of Manasseh. He brought them to Halah, Habor, Hara, and to the river of Gozan, where they remain to this day.
Kanaafuu Waaqni Israaʼel hafuura Fohaa mooticha Asoor jechuunis hafuura Phuuli kakaasee akka inni gosoota Ruubeen, kan Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaasee boojiʼu godhe. Innis warra kanneen gara Halaa, Haaboor, Haaraatii fi gara qarqara laga Goozaaniitti geesse; isaanis hamma harʼaatti achuma jiraatan.

< 1 Chronicles 5 >