< Numbers 30 >
1 Moses/I spoke with the leaders of the Israeli tribes. He/I told them these commands that Yahweh had given to him/me:
Museen abbootii gosoota Israaʼeliin akkana jedhe: “Wanni Waaqayyo ajaje kanaa dha:
2 “If a man solemnly promises Yahweh that he will do something, he must do what he promised.
Namni tokko yoo Waaqayyoof waa wareege yookaan akka waan tokko hojjetu ofumaa isaatiin yoo kakate, inni kakuu ofii sana hin cabsin; qooda kanaa waan dubbate hunda guutuu qaba.
3 “If a young woman who is still living with her parents solemnly promises to Yahweh to do something,
“Yoo intalli tokko utuma mana abbaa ishee jirtuu Waaqayyoof wareega wareegde yookaan waan tokko gochuudhaaf dirqama keessa seente,
4 and if her father hears about what she promised, and if he does not object, she must do what she promised [DOU].
yoo abbaan ishees waaʼee wareega ishee yookaan dirqama keessa seenuu ishee dhagaʼee homaa isheen jechuu baate wareegni isheettii fi dirqamni isheen seente sun hundi hin geeddaramu.
5 But if her father hears about what she promised and does not allow her to do that, then she does not need to do what she promised. Yahweh will forgive her for not doing what she promised.
Yoo abbaan ishee waan kana dhagaʼee ishee dhowwe garuu wareega ishee yookaan kakuu isheen ittiin dirqama seente keessaa tokko iyyuu hin guutamu; sababii abbaan ishee ishee dhowweef Waaqayyo ishee ni bilisoomsa.
6 “If a woman promises Yahweh that she will do something, but then she gets married,
“Yoo isheen erga wareega seentee booddee yookaan erga dubbii utuu itti hin yaadin dubbatteen dirqama seentee booddee heerumte,
7 if her husband hears about what she promised to do, and he does not object, she must do what she promised [DOU].
dhirsi ishees yoo waan kana dhagaʼee homaa isheen jechuu baate wareegni ishee yookaan dirqamni isheen seente sun hin geeddaramu.
8 But if her husband hears about it and does not allow her to do that, she does not need to do what she promised, and Yahweh will forgive her for not doing what she promised.
Garuu dhirsi ishee yoo yeroo waan kana dhagaʼutti ishee dhowwe, wareega ishee kan dirqama keessa ishee galchu yookaan waadaa isheen utuu itti hin yaadin dirqama keessa of galchite sana ishee jalaa diiga; Waaqayyos ishee bilisoomsa.
9 “If a widow or a woman who has been divorced makes a promise, she must do what she promised.
“Wareegni haadha hiyyeessaa yookaan dubartii dhirsa jalaa baatee, dirqamni isheen seente kam iyyuu ishee qabata.
10 “If a woman who is married promises [DOU] to do something,
“Yoo dubartiin dhirsa ishee wajjin jiraattu tokko wareega tokko wareegdee yookaan waan tokko gochuudhaaf kakuudhaan dirqama keessa of galchite,
11 and if her husband hears about it but does not object, she must do what she promised.
dhirsi ishees yoo waan kana dhagaʼee homaa isheedhaan jechuu baate yookaan yoo ishee dhowwuu baate wareegni ishee yookaan waadaan isheen ittiin dirqama keessa of galchite sun hundi hin geeddaramu.
12 But if he hears about it and does not allow her to do that, she does not need to do what she promised, and Yahweh will forgive her for not doing it.
Garuu yoo dhirsi ishee yeroo waan kana dhagaʼutti ishee jalaa diige, wareega ishee yookaan waadaa afaan isheetii baʼe keessaa tokko iyyuu hojii irra hin oolu; sababii dhirsi ishee ishee jalaa diigeef, Waaqayyo ishee bilisoomsa.
13 A woman’s husband may require her to do what she has promised, or he may not allow her to do what she has promised.
Dhirsi ishee wareega isheen wareegdu yookaan waadaa isheen gad of qabuuf kakuudhaan seentu kam iyyuu fudhachuu yookaan diiguu ni dandaʼa.
14 If he does not object for several days [after he hears about it], she must do what she promised.
Garuu yoo dhirsi ishee guyyuma guyyaan homaa isheen jechuu baate, inni wareega ishee yookaan dirqama ishee irra jiru hunda fudhateera jechuu dha. Inni sababii gaafa waaʼee waan kanaa dhagaʼe sana homaa isheedhaan hin jedhiniif waan sana fudhateera.
15 But if he waits a long time after she has promised to do something and then he tells her that he will not permit her to do it, if she does not do what she promised, [she will not be punished]; her husband is the one whom [Yahweh] will punish.”
Taʼus inni yoo erga waaʼee waan kanaa dhagaʼee booddee waadaa sana diige yakka isheetti ni gaafatama.”
16 Those are the rules that Yahweh gave to Moses/me for husbands and wives, and for young women who are still living with their parents.
Isaan kunneen seerawwan dhirsaa fi niitii gidduu akkasumas abbaa fi intala isaa kan yeroo ijoollummaa isheetti mana isaa jirtu gidduu jiraachuu qabu kan Waaqayyo Musee ajajee dha.