< Jezekiel 30 >

1 And the word of the Lord came to me, saying,
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 Son of man, prophesy, and say, Thus says the Lord; Woe, woe [worth] the day!
“Yaa ilma namaa raaji; akkanas jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Wawwaadhuutii akkana jedhi; “Guyyaa sanaaf wayyoo!”
3 For the day of the Lord is near, a day of cloud; it shall be the end of the nations.
Guyyaan sun dhiʼoo dha; Guyyaan Waaqayyoo dhiʼoo dha; innis guyyaa duumessaa, sabootaaf immoo yeroo badiisaa ni taʼa.
4 And the sword shall come upon the Egyptians, and there shall be tumult in Ethiopia, and in Egypt [men] shall fall down slain together, and her foundations shall fall.
Gibxitti goraadeen ni dhufa; Itoophiyaatti immoo dhiphinni ni dhufa. Yommuu warri qalaman Gibxi keessatti kukkufanitti, qabeenyi ishee saamamee fudhatama; hundeewwan ishee immoo ni diigamu.
5 Persians, and Cretans, and Lydians, and Libyans, and all the mixed multitude, and they of the children of my covenant, shall fall by the sword therein.
Itoophiyaa fi Fuuxi, Luudii fi biyyi Arabaa hundi, Liibiyaa fi uummanni biyya kakuu Gibxi wajjin goraadeedhaan ni dhumu.
6 And the supports of Egypt shall fall; and the pride of her strength shall come down from Magdol to Syene: they shall fall by the sword in it, says the Lord.
“‘Waaqayyo akkana jedha: “‘Tumsitoonni Gibxi ni kufu; humni isheen ittiin boontu ni dadhaba. Migdoolii hamma Aswaanitti, isaan ishee keessatti goraadeedhaan ni dhumu, jedha Waaqayyo Gooftaan.
7 And it shall be made desolate in the midst of desolate countries, and their cities shall be [desolate] in the midst of desolate cities:
Isaan biyyoota onan gidduutti, onanii hafu; magaalaawwan isaaniis magaalaawwan diigaman gidduutti argamu.
8 and they shall know that I am the Lord, when I shall send fire upon Egypt, and [when] all that help her shall be broken.
Yommuu ani Gibxitti ibidda qabsiisee warri ishee gargaaran hundi barbadaaʼanitti, isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
9 In that day shall messengers go forth hasting to destroy Ethiopia utterly, and there shall be tumult among them in the day of Egypt: for, behold it comes.
“‘Gaafas namoota Itoophiyaa kanneen yaaddoo malee jiraatan sodaachisuuf, ergamoonni dooniidhaan na biraa ni baʼu. Guyyaa badiisa Gibxitti dhiphinni isaan qabata; wanni kun dhugumaan ni dhufaatii.
10 Thus says the Lord God; I will also destroy the multitude of the Egyptians by the hand of Nabuchodonosor king of Babylon,
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Ani harka Nebukadnezar mooticha Baabiloniin namoota Gibxi hedduu nan barbadeessa.
11 his [hand] and his people's; [they are] plagues sent forth from the nations to destroy the land: and they all shall unsheath their swords against Egypt, and the land shall be filled with slain.
Innii fi loltoonni isaa kanneen saboota keessaa akka malee hamoo taʼan, akka biyyattii balleessaniif ni fidamu. Isaanis goraadee isaanii Gibxitti luqqifatanii reeffaan biyyattii guutu.
12 And I will make their rivers desolate, and will destroy the land and the fulness of it by the hands of strangers: I the Lord have spoken.
Ani bishaan Abbayyaa nan gogsa; biyyattiis namoota hamootti nan gurgura; harka alagootaatiin biyyattii fi waan ishee keessa jiru hunda nan onsa. Ani Waaqayyo dubbadheera.
13 For thus says the Lord God; I will also destroy the nobles from Memphis, and the princes of Memphis out of the land of Egypt; and they shall be no more.
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Ani waaqota tolfamoo nan balleessa; fakkiiwwan Memfiis keessa jiranis nan facaasa. Siʼachi Gibxi keessatti bulchaan hin argamu; biyyattii guutuu keessas sodaa nan buusa.
14 And I will destroy the land of Phathore, and will send fire upon Tanis, and will execute vengeance on Diospolis.
Phaxroosin nan onsa; Zooʼaanitti ibidda nan qabsiisa; Tebesiin immoo nan adaba.
15 And I will pour out my wrath upon Sais the strength of Egypt, and will destroy the multitude of Memphis.
Daʼannoo Gibxi jabaa jechuunis Siin irratti dheekkamsa koo nan dhangalaasa; uummata Tebesi hedduu sana illee nan balleessa.
16 And I will send fire upon Egypt; and Syene shall be sorely troubled; and there shall be a breaking in Diospolis, and waters shall be poured out.
Ani Gibxitti ibidda nan qabsiisa; Siin dhiphinaan raafamti. Tebesi dambaliidhaan ni fudhatamti; Memfiis dhiphina wal irraa hin cinneen ni dhiphatti.
17 The youths of Heliopolis and Bubastum shall fall by the sword, and the women shall go into captivity.
Dargaggoonni Aawwenii fi Phii-Beseti goraadeedhaan dhumu; magaalaawwan mataan isaanii iyyuu ni boojiʼamu.
18 And the day shall be darkened in Taphnae, when I have broken there the scepters of Egypt: and the pride of her strength shall perish there: and a cloud shall cover her, and her daughters shall be taken prisoners.
Yommuu ani waanjoo Gibxi cabsutti, Tahiphaanheesitti guyyaan ni dukkanaaʼa; humni isheen ittiin boontus ni laafa. Isheen hurriidhaan haguugamti; gandoonni ishee immoo ni boojiʼamu.
19 And I will execute judgment on Egypt; and they shall know that I am the Lord.
Kanaafuu ani Gibxiin nan adaba; isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’”
20 And it came to pass in the eleventh year, in the first month, on the seventh [day] of the month, the word of the Lord came to me, saying,
Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa torbaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
21 Son of man, I have broken the arms of Pharao, king of Egypt; and, behold, it has not been bound up to be healed, to have a plaster put upon it, [or] to be strengthened to lay hold of the sword.
“Yaa ilma namaa, ani irree Faraʼoon mooticha Gibxi cabseera. Inni akka fayyuuf hin hidhamne yookaan shambaqqoon hidhamee akka jabaatee goraadee qabachuu dandaʼu hin godhamne.
22 Therefore thus says the Lord God; Behold, I am against Pharao king of Egypt, and I will break his strong and outstretched arms, and will strike down his sword out of his hand.
Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani Faraʼoon mooticha Gibxitti kaʼeera. Ani irree isaa lachanuu, isa fayyaa, isa cabe sana illee cabsee akka goraadeen harka isaatii buʼu nan godha.
23 And I will disperse the Egyptians among the nations, and will utterly scatter them among the countries.
Ani namoota Gibxi saboota gidduutti nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bibittinneessa.
24 And I will strengthen the arms of the king of Babylon, and put my sword into his hand: and he shall bring it upon Egypt, and shall take her plunder and seize her spoils.
Irree mootii Baabilon nan jabeessa; goraadee koos harka isaa keessa nan kaaʼa; irree Faraʼoon garuu nan cabsa; innis fuula isaa duratti akkuma nama akka malee madaaʼeetti ni aada.
25 Yes, I will strengthen the arms of the king of Babylon, and the arms of Pharao shall fail: and they shall know that I am the Lord, when I have put my sword into the hands of the king of Babylon, and he shall stretch it out over the land of Egypt.
Irree mootii Baabilon nan jabeessa; irreen Faraʼoon garuu ni laafa. Yommuu ani goraadee koo harka mootii Baabilon keessa kaaʼee inni immoo Gibxitti isa mirmirsutti isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
26 And I will disperse the Egyptians among the nations, and utterly scatter them among the countries; and they all shall know that I am the Lord.
Ani namoota Gibxi saboota gidduu nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bibittinneessa. Isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”

< Jezekiel 30 >