< Salme 8 >

1 (Til sangmesteren. Al-haggittit. En salme af David.) HERRE, vor Herre, hvor herligt er dit Navn på den vide Jord du, som bredte din Højhed ud over Himlen!
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan Gitiitiidhaan faarfatamu. Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya, maqaan kee lafa hundatti akkam ulfina qabeessa! Ati ulfina kee samiiwwan irratti diriirsiteerta.
2 Af spædes og diendes Mund har du rejst dig et Værn for dine Modstanderes Skyld, for at bringe til Tavshed Fjende og Hævner.
Sababii diinota keetiitiif, amajaajii fi nama haaloo baafatu afaan qabachiisuuf jettee, afaan daaʼimmaniitii fi mucoolii harma hodhanii irraa galata qopheessiteerta.
3 Når jeg ser din Himmel, dine Fingres Værk, Månen og Stjernerne, som du skabte,
Yommuu ani hojii quba keetii, samiiwwan kee, jiʼaa fi urjiiwwan ati hundeessitee ilaalutti,
4 hvad er da et Menneske, at du kommer ham i Hu, et Menneskebarn, at du tager dig af ham?
akka ati isaaf yaadduuf namni maali? Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali?
5 Du gjorde ham lidet ringere end Gud. med Ære og Herlighed kroned du ham;
Ati xinnoo ishee ofii keetii gad isa goote; ulfinaa fi kabajaan isa gonfite.
6 du satte ham over dine Hænders Værk, alt lagde du under hans Fødder,
Hojii harka keetii irratti bulchaa isa goote; waan hundas miilla isaa jala galchite;
7 Småkvæg og Okser til Hobe, ja, Markens vilde Dyr,
bushaayee fi loon hunda, bineensota bosonaas,
8 Himlens Fugle og Havets Fisk, alt, hvad der farer ad Havenes Stier.
simbirroota samii irraa, qurxummii galaanaa, waan daandii galaanaatiin darbu hundas miilla isaa jala galchite.
9 HERRE, vor Herre, hvor herligt er dit Navn på den vide Jord!
Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya, maqaan kee lafa hundumaa irratti akkam ulfina qabeessa!

< Salme 8 >