< Salme 31 >
1 (Til sangmesteren. En salme af David.) HERRE, jeg lider på dig, lad mig aldrig i Evighed skuffes. Udfri mig i din Retfærd,
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera; ati gonkumaa na hin qaanessin; qajeelummaa keetiin na oolchi.
2 du bøje dit Øre til mig; red mig i Hast og vær mig en Tilflugtsklippe, en Klippeborg til min Frelse;
Gurra kee gara kootti qabi; dafiitii na oolchi; kattaa ani itti kooluu galu naa taʼi; na oolchuudhaafis daʼoo jabaa naa taʼi.
3 thi du er min Klippe og Borg. For dit Navns Skyld lede og føre du mig,
Ati waan kattaa koo fi daʼoo koo taateef, maqaa keetiif jedhiitii na qajeelchi; karaa irras na buusi.
4 fri mig fra Garnet, de satte for mig; thi du er min Tilflugt,
Ati iddoo ani itti baqadhu waan taateef, kiyyoo diinonni koo naa kaaʼan keessaa na baasi.
5 i din Hånd befaler jeg min Ånd. Du forløser mig, HERRE, du tro faste Gud,
Ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha; yaa Waaqayyo Waaqa dhugaa, ati na furi.
6 du hader dem, der bolder på Løgneguder. Men jeg, jeg stoler på HERREN,
Ani warra waaqota faayidaa hin qabne abdatan nan jibba; Waaqayyoon garuu nan amanadha.
7 jeg vil juble og glæde mig over din Miskundhed; thi du har set min Nød, agtet på min Sjælekvide.
Ani jaalala kee kan hin geeddaramne sanatti nan gammada; nan ililchas; ati dhiphina koo argiteertaatii; rakkina lubbuu kootii illee beekteerta.
8 Du gav mig ikke i Fjendens Hånd, men skaffede Rum for min Fod.
Ati dabarsitee diinatti na hin kennine; miilla koos iddoo balʼaa irra dhaabdeerta.
9 Vær mig nådig, HERRE, thi jeg er angst, af Kummer hentæres mit Øje, min Sjæl og mit Indre.
Yaa Waaqayyo, ani dhiphina keessan jiraatii na baasi; iji koo gaddaan, lubbuun koo fi dhagni koo gaddaan dadhabaniiru.
10 Thi mit Liv svinder hen i Sorg, mine År i Suk, min Kraft er brudt for min Brødes Skyld, mine Ben hentæres.
Jireenyi koo gaddaan, umuriin koo aaduudhaan dhumeera; jabinni koo sababii dhiphina kootiitiif laafeera; lafeen koos xuuxameera.
11 For alle mine Fjenders Skyld er jeg blevet til Spot, mine Naboers Gru, mine Keodinges Rædsel; de, der ser mig på Gaden, flygter for mig.
Sababii diinota koo hundaatiif, ani olloota koo biratti waan sodaachisaa, michoota koo biratti immoo waan jibbisiisaa taʼeera; warri karaa irratti na arganis na baqatu.
12 Som en død er jeg gået dem at Minde, jeg er som et ødelagt Kar.
Ani akkuma nama duʼeetti irraanfatameera; akkuma qodaa cabaas nan taʼe.
13 Thi mange hører jeg hviske, trindt om er Rædsel, når de holder Råd imod mig, pønser på at tage mit Liv.
Asaasa namoota baayʼee nan dhagaʼaatii; kallattii hundaan sodaatu jira! Isaan natti malatanii lubbuu koo balleessuuf mariʼatan.
14 Men, HERRE, jeg stoler på dig; jeg siger: Du er min Gud,
Yaa Waaqayyo, ani garuu sin amanadha; “Ati Waaqa koo ti” nan jedha.
15 mine Tider er i din Hånd. Red mig fra Fjenders Hånd, fra dem, der forfølger mig,
Barri koo si harka jira; diinota koo jalaa, warra na ariʼatan harkaas na baasi.
16 lad dit Ansigt lyse over din Tjener, frels mig i din Miskundhed.
Fuulli kee tajaajilaa kee irratti haa ifu; jaalala kee kan hin geeddaramne sanaanis na baraari.
17 HERRE, lad mig ej blive til Skamme, jeg råber jo til dig, lad de gudløse blive til Skamme og synke tavse i Døden. (Sheol )
Yaa Waaqayyo, ani hin qaaneffamin; ani si waammadheeraatii; warri hamoon garuu haa qaaneffaman; calʼisaniis siiʼool keessa haa buʼan. (Sheol )
18 Lad de falske Læber forstumme, som taler frækt om den retfærdige med Hovmod og Foragt.
Afaan soba dubbatu, kan of tuulummaa fi tuffiidhaan, nama qajeelaatti kooree dubbatu haa duudu.
19 Hvor stor er dog din Godhed, som du gemmer til dem, der frygter dig, over mod dem, der lider på dig, for Menneskebørnenes Øjne.
Gaarummaan kee kan ati warra si sodaataniif ol keesse, kan ati fuula namootaa duratti warra kooluu sitti galaniif kennite akkam guddaa dha!
20 Du skjuler dem i dit Åsyns Skjul for Menneskers Stimmel; du gemmer dem i en Hytte for Tungers Kiv.
Daʼoo fuula keetiitiin, waan namoonni isaanitti malatan jalaa isaan dhoksita; dunkaana kee keessattis dubbiin tuttuquu jalaa isaan daʼeessita.
21 Lovet være HERREN, thi under fuld Miskundhed har han vist mig i en befæstet Stad.
Waaqayyo haa eebbifamu; inni yeroo ani magaalaa marfamte keessa turetti, jaalala isaa dinqisiisaa sana na argisiiseeraatii.
22 Og jeg, som sagde i min Angst: "Jeg er bortstødt fra dine Øjne!" Visselig, du hørte min tryglende Røst, da jeg råbte til dig.
Ani yeroon akka malee dhiphadhetti, “Ani fuula kee duraa badeera!” jedheen ture. Ati garuu yeroo ani gargaarsaaf sitti iyyadhetti, kadhannaa koo naa dhageesse.
23 Elsk HERREN, alle hans fromme; de trofaste skærmer HERREN; men den, der handler i Hovmod, gengælder han mangefold.
Qulqulloonni isaa hundinuu, Waaqayyoon jaalladhaa! Waaqayyo amanamoota ni eega; of tuultotaaf garuu akkuma hojii isaaniitti irra dabarsee deebisaaf.
24 Fat Mod, eders Hjerte være stærkt, alle I, som bier på HERREN!
Warri Waaqayyoon abdattan hundinuu jabaadhaa; garaan keessan hin sodaatin.