< 詩篇 3 >

1 【困苦人的祈禱】 達味詩歌,作於逃避其子阿貝沙隆時。 上主,迫害我的人,不可勝數! 攻擊我的人,成群結隊!
Faarfannaa Daawit yeroo ilma isaa Abesaaloom jalaa baqatetti faarfate. Yaa Waaqayyo, diinonni koo akkam baayʼatu! Namoonni baayʼeen natti kaʼaniiru!
2 很多人論及我說:天主絕不拯救他!
Namoonni baayʼeen, “Waaqni isa hin baraaru” jedhanii waaʼee koo dubbatu.
3 但是你,上主,是圍護我的盾牌,是我的榮耀,常使我首昂頭抬。
Yaa Waaqayyo, ati garuu naannoo kootti gaachana koo ti; ulfina kootis; mataa koos kan ol qabdu suma.
4 我一向上主大聲呼號,祂便從聖山上俯聽我。
Ani guddisee Waaqayyotti nan iyyadha; innis tulluu isaa qulqulluu irraa deebii naa kenna.
5 我躺下安睡,我又醒了,因為上主常扶持著我。
Ani nan ciisa; nan rafas; waan Waaqayyo ol na qabuuf nan dammaqa.
6 雖有千萬人,向我圍攻,我一絲一毫也不驚恐。
Saba kumaatama qixa hundaan kaʼee na marse ani hin sodaadhu.
7 上主,請你興起奮發;我的天主,求你救拔,因為你擊破了我仇敵的腮頰,你打破眾惡人的門牙。
Yaa Waaqayyo kaʼi! Yaa Waaqa koo na baraari! Mangaagaa diinota kootii hundumaa rukuti; ilkaan hamootaa illee caccabsi.
8 救援之恩完全屬於上主;願你的百姓受你的祝福!
Fayyinni kan Waaqayyoo ti. Eebbi kee saba kee irra haa jiraatu.

< 詩篇 3 >