< 詩篇 101 >

1 達味的詩歌。
Faarfannaa Daawit. Ani jaalala keetii fi murtii kee qajeelaa sanaaf nan faarfadha; Yaa Waaqayyo ani siif nan faarfadha.
2 我要歌頌仁愛與公正,上主,我還要向您吟詠。
Ani jireenya hirʼina hin qabne jiraachuuf of nan eeggadha; ati yoom gara koo dhufta? Ani garaa qulqulluudhaan, mana koo nan jiraadha.
3 我要走齊全的路,您何時來我這裏?我要在我的家中,以純潔的心度日。
Ani ija koo dura, waan hamaa hin kaaʼu. Hojii jalʼootaa nan jibba; nattis hin qabatu.
4 我決不把邪僻的事情放置在我的眼前;我痛恨為非作歹的人,不讓他與我相聯。
Namoonni yaada micciiramaa qaban narraa haa fagaatan; ani jalʼina wajjin tokkummaa hin qabaadhu.
5 敗壞的心,我要達離;邪惡我不認識。
Nama dhoksaan ollaa isaa hamatu kam iyyuu, ani afaan nan qabachiisa; nama tuffiin nama ilaaluu fi kan garaa of tuulu qabuuf, ani obsa hin qabaadhu.
6 暗中設計毀謗同僚的人,我要消滅他;高視闊步,心高氣傲的人,我不容忍他。
Akka isaan na wajjin jiraataniif, iji koo amanamoota biyyattii irra jiraatti; namni karaa qajeelaa irra deemu, inni na tajaajila.
7 我眼注視國內忠誠的人,讓他們與我同住,在齊全道路行走的人才可作我的忠僕。7. 詭詐欺騙的人,不得住在我的宮內,說謊不實的人,不得在我眼前存在。
Namni nama gowwoomsu tokko iyyuu mana koo keessa hin jiraatu; namni soba dubbatu tokko iyyuu fuula koo dura hin dhaabatu.
8 我每日清早要滅絕在國所有罪人,我要由上主的城內剷除所有作惡的人。
Ani jalʼoota biyyattii hunda, ganama ganama nan barbadeessa; warra waan hamaa hojjetan magaalaa Waaqayyoo keessaa nan balleessa.

< 詩篇 101 >