< 耶利米書 12 >
1 上主,幾時我與你爭論,總是你有理;但我仍願與你討論正義:「為什麼惡人的生活總是順利,一般詭詐極惡的人總享安寧﹖
Yaa Waaqayyo yommuu ani iyyata koo fuula kee duratti dhiʼeeffadhutti ati yeroo hunda qajeelaa dha. Taʼu iyyuu ani waaʼee qajeelummaa keetii nan dubbadha; karaan jalʼootaa maaliif milkaaʼa? Warri hin amanamne hundi maaliif nagaan jiraatu?
2 你栽植了他們,他們就生長根滋長,結出果實;他們的口離你近,他們的心卻離你遠。
Ati isaan dhaabde; isaanis hidda gad fageeffataniiru; ni guddatu; ijas ni naqatu. Ati yeroo hunda afaan isaaniitii hin buutu; garaa isaanii irraa garuu fagoo jirta.
3 至於你,上主,你是認識我的,你考察了我對你的心意;求你把他們像待宰的羔羊一樣拉出來,留待宰殺的一天。
Taʼus yaa Waaqayyo ati na beekta; na ilaaltees yaada ani siif qabu ni qorta. Akka hoolaa qalamuuf deemuutti harkisii isaan geessi! Guyyaa qalmaatiifis kophaatti isaan baasi!
4 [這地要哀傷,整個田野的草木要枯萎到幾時﹖由於居民的邪惡,野獸和飛鳥都被消滅。] 因為他們說:「天主不管我們的作為。」
Biyyattiin hamma yoomiitti boossee margi dirree hundis goga? Sababii hammina warra biyyattii keessa jiraataniitii fi sababii namoonni, “Inni waan nurra gaʼaa jiru hin argu” jedhaniif horii fi simbirroonni dhumaniiru.
5 「你與人徒步競走,尚覺疲乏,你怎麼能與馬角逐﹖在平安的地區尚覺不安,在約旦河的叢林區,你更將何如﹖
“Ati namoota lafoo wajjin fiigdee erga isaan si dadhabsiisanii, fardeen wajjin akkamitti dorgomuu dandeessa ree? Ati biyya nagaa keessatti erga gufatte, bosona Yordaanos keessatti akkam taata ree?
6 連你的兄弟和你的父族對你都無誠意,在你後面厲聲喊叫;即便他們對說好話,你也不要相信。」
Obboloonni kee, maatiin abbaa keetii, isaan iyyuu si gananiiru; isaan sagalee ol fudhatanii sitti iyyu. Yoo isaan afaan nagaa sitti dubbatan iyyuu, ati isaan hin amanin.
7 「 離開了我的家,拋棄了我的產業,將我最心愛的人交在敵人的手中。
“Ani mana koo dhiiseera; handhuuraa koos gateera; ani ishee garaan koo jaallatu sana harka diinota isheetti dabarsee kenneera.
8 我的產業對我竟好像是森林中的獅子,向我咆哮,為我憎恨他它。
Handhuuraan koo akkuma leenca bosonaa natti taateerti. Isheen natti aadde; kanaafuu ani ishee jibbeera.
9 我的產業對我竟成了一隻帶斑點的鷙鳥,以致鷙鳥圍著向它襲擊。你們去田黟的一切野獸,叫它們來吞噬。
Handhuuraan koo akka allaattii burree kan allaattiiwwan biraa marsanii miidhan tokkoo natti hin taanee? Dhaqaatii bineensota bosonaa hunda walitti qabaa; akka ishee nyaataniifis isaan fidaa.
10 許多牧童毀壞了我的葡萄園,蹂躝了我的產業,使我喜愛的產業變為荒蕪的曠野。
Tiksoonni hedduun iddoo dhaabaa wayinii kootii ni balleessu; qooda koos ni dhidhiitu; qooda natti tolus ni onsu.
11 他們使它荒涼,荒涼得在我面前哀傷;全地荒涼,因為沒有一人關心。
Isaan isa onsu; inni onee gara kootti iyya; namni dhimma isaa qabus waan hin jirreef lafti guutuun onee hafa.
12 破壞者已來到曠野的一切高崗上,因為上主的刀劍正在砍伐,從地極到地極,凡有血肉的,都不得安寧。
Lafa ol kaʼaa qullaa gammoojjii keessaa hunda irra balleessitoonni ni raamʼisu; goraadeen Waaqayyoo // moggaa biyyattii tokko irraa hamma moggaa kaaniitti ni fixaatii; namni tokko iyyuu hin hafu.
13 他們播種了麥子,卻收割了荊棘;雖筋疲力竭,卻沒有利益;由於上主的憤怒,都因自己的收穫而害羞。
Isaan qamadii facaasu garuu qoraatii haammatu; ni dhamaʼu garuu homaa hin argatan. Sababii dheekkamsa Waaqayyoo isa cimaa sanaatiif midhaan galfatanitti ni qaanaʼu.”
14 上主這樣說:關於那些險惡的鄰邦.即侵犯我給予我民以色列佔有的產業的鄰邦,看,我要由他們的地上將他們拔除,也要由他們中拔除猶大家。
Waaqayyo akkana jedha; “Ani olloota koo hamoo kanneen handhuuraa ani saba koo Israaʼeliif kenne qabatan hunda biyya isaanii keessaa nan buqqisa; mana Yihuudaas isaan gidduudhaa nan buqqisa.
15 在我拔除他們以後,我要再憐憫他們,引他們復歸自己的產業,各回自己的故鄉。
Ani ergan isaan buqqisee booddee deebiʼee naʼeefii tokkoo tokkoo isaanii gara handhuuraa isaaniitii fi gara biyya ofii isaaniitti nan deebisa.
16 設若他們殷勤學走我人民的道路,奉我名發誓說:「上主永在」,如同他們昔日教我人民奉巴耳發誓一樣,他們就可在我的人民中再度復興。
Yoo isaan haala jireenya saba koo akka gaarii baratanii akkuma duraan saba koo Baʼaaliin kakachuu barsiisan sana, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa’ jechuudhaan maqaa kootiin kakatan, isaan saba koo gidduutti ni hundeeffamu.
17 倘若他們不聽從,我必拔除這民族,將他們拔除消滅──上主的斷語。
Garuu yoo sabni kam iyyuu naa ajajamuu dide, ani guutumaan guutuutti isa nan buqqisa; nan balleessas” jedha Waaqayyo.